Namni lammii Iraan walakkaa jaarraaf qaama osoo hin dhiqatin ture umurii isaa waggaa 94tti du'e.


'World’s dirtiest man’ waggoota kurnan darban keessatti yeroo jalqabaaf ji'oota muraasa dura erga dhiqatee booda umurii isaa waggaa 94tti onkololeessaa 23 bara 2022 A.W.A du’e.
Hajiin waggaa 50 oliif dhiqachuu diduu isaatiin xiyyeeffannoo idil-addunyaa argatee kan turedha. Akka dhaabbati oduu Iraan gabaasetti yeroo muraasa booda dhukkubsatee Wiixata darbe du'aan boqote.

Namni Iraan “nama xuraa’aa addunyaa” jedhamuun beekamu, Amuu Haajiin yoon qaama koo dhiqadhe nan dhukkubsadha sodaa jedhuun walakkaa jaarraa oliif bishaanii fi saamunaa fayyadamuu didee kan turedha. Haa taʼu malee, miidiyaaleen tokko tokko akka gabaasanitti turti waggoota dheeraa boodde ji'a muraasa dura qaama isaa akka dhiqatedha.
Lammiin Iraan kun bulchiinsa kibba Fars keessa kan jiraatu yoo ta'u, yaaliin kanaan dura jiraattonni gandaa isaa qulqulleessuuf godhan irraa of qusatee ture.

Waggootaaf dhiqachuu dhabuun isaa gogaa "soot fi pus" jedhamuun haguugamee akka ture IRNAn dubbateera, nyaanni inni fayyadamus foon manca'ee fi bishaan qulqullina hin qabne kan qaruuraa dulloomaa keessaa dhugame of keessaa qaba ture. Akkasumas tamboo xuuxuu kan jaallatu siʼa taʼu, yoo xinnaate yeroo tokkotti sigaaraa paakeetii tokkoo ol aarsuu akka danda'u suuraa isaa irra ni mulʼata ture.
Amou Haji



Amuu Hajiin maatii illee akka qabu kan hin beekamnee fi jiraattonni gandaa isaa kunuunsuuf yaala taasisanittis akka gadduuf isaanif illee hin milkoofne.