24/02/2015

Magaaala Adaamaa smart city gochuuf waliigaltee Bulchinsa Magaala Adamaafi Itiyoo-Teleekoom akkasumas Yuunivarsitii Saayinsiifi Teeknooloojii Adaamaa gidduutti mallatteffame. 

Sirna kan irratii Kantiibaan bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obbo Haayiluu Jaldee akka gaanfa Afrikaatti magaalaa Adaama gama hundumaan dorgomtuu taasisuuf hojjetama jira jedhan. Itti dabaluunis obbo haayiluun Ityoo-Telekoom, Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teekinooloojii Adaamaa, Hoteelotaafi Indaastiriiwwan waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojiin hojjetamu bulchiinsa cimaa ijaaruu, sirna eegumsa fayyaa cimaa fi sirna geejjiba ammayyaa diriirsuu, akkasumas jijjiirama to’annoo kan fidu ta’uu eeraniiru. 

Bara kana waajjiraalee bulchiinsa magaalichaa 80% guutumaan guutuutti gara diijitaalaatti jijjiiruuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Magaalichatti ganda ammayyaa lafa heektaara 175 irratti ijaaruuf qophiin xumuramuu himaniru. 

Karoorawwan kanneen dhugoomsuuf muuxannoowwan jiran ilaaluun, qaamolee dhimmamtoota waliin hojjechuun barbaachisaadha jedhan. Hojii Gaggeessituun Olaantuu Itiyoo-Teleekoom adde Fireehiwoot Taammiruu akka jedhanitti magaaloonni walitti hidhaminsa teeknooloojiin ammayyaa’uu qabu kanaan dhaabbanni isaanii wantoota gurgudda hojjechaa akka jiru himaniiru.

Itti dabaluunis Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teekinooloojii Adaamaatti Tajaajila Kaardii Tokkoo eegalchiisuu eeruun, tajaajilichi piroojektii Smart City magaalichatti ijaaramuuf barbaachisaa waan ta’eef Ityoo-Telekoom tajaajilicha dhiyeessuun magaalicha waliin ni hojjeta jedhan. Pireezidantiin Yuunivarsitii Saayinsiifi Teeknooloojii Adaamaa Dr Lammii Guutaa magaalaa Adaamaa akkuma maqaa isheetii Gaanfa afrikaatii magaala smart city gochuun qooda fudhattonni hundinuu gahee isaanii bahachuu akka qabani fi piroojektoota kanneen dhugoomsuufi magaalattii fakkeenya taasisuuf qophii ta’uu dubataniru. 

Dhuma irrattis piroojektoota smart city daawwachuun sagantichii goolabamera.