'Kun akka dura taa'aa itti aanaa KFO'tti ibsan kennu isa xumuraati'
ALI bara 2001 miseensa dhaaba Warraaqsa Federaalawaa Dimookraatawaa Oromoo ta'uun hirmaannaa siyaasaa dhaaba keessatti godhamuutti kan makaman Obbo Baqqalaan, osoo hedduu hin turiin gara hooggansa dhaabaatti guddatan.Hanga har'attis dhaaba Koongireesii Federaalistii Oromoo keessatti Dura Taa'aa Itti Aanaa KFO ta'uun qabsa'aa turan. Haa ta'u malee Afgaaffii BBC Afaan Oromoo waliin godhaniin guyyaa har'a irraa jalqabee miseensa paartii kamiiyyuu akka hin taane fi KFO keessaa of baasuu isaani dubbatan. Akkas jechuunis BBC tti himan;
"Dhaabni siyaasaa kan barbaachisu imaammata uummata gargaaru baasuun yoo hiree argate mootummaa ijaaruu, yoo ta'uu baates dhaaba mootummaa ijaare karaatti deebisuufi yaada filannoo dhiyeesuudhaaf barbachisa kan jedhan obbo Baqqalaan, ''haala amma jiruun filannoowwwan lamaan kun guutummaatti cufameera haala jedhamurra jira'' jedhan.
''Kanaaf ani amma paartii siyaasaa keessa turuun na hin barbaachisu. Aangoo siyaasaatiif deemaa hin jiru. Maqaa paartiitiin biyya sana keessa taa'ee uummata sochoosaa hin jiru, uummata sanaaf hojjechaa hin jiru. Kanas gochuudhaaf carraansaa hin jiru.''
Haala siyaasaa ibsan kana irratti hundaa'uun dhaaba siyaasaa keessa turuunis hooggansa dhaabichaa harkaa qabaachuunis bu'aa hin qabuu jechuun gadhiisuu isaanii beeksisan.
''Tarii akka itti aanaa dursaa Kongireesii Federaalawaa Oromootti af-gaaffii isa dhumaati kaniin kennu. Ammaan booda akka nama Oromoof quuqamu tokkoo, akka Oromoo tokkoo, akka nama mirga uummata Oromoof quuqamu tokkootti malee akka hogganaa paartiitti kaniin deemu miti.''
Nama kamiifuu, paartii isaaniifi miidiyaa kamiifuu murtee isaanii kana amma dura kan hin beeksisne akka ta'es dubbataniiru.
''Dhimma kana ittuma yaadaan ture. Faayidaan isaa naaf ifuu waan hin dandeenyeef dhiyeenyuman murteesse.''
jechuun haasa'an.
Waa'ee Fayyaa isaanii ilaalchisuun tibba darbee ololli sobaa miidiyaa irra naanna'aa turettis deebii akkas jedhu laatan.
''Waahillan koo waliin osoo jirruu namni tokko viidiyoo kana nutti erge. Obbo Baqqalaan boqoteera, reeffi gara biyyaa ergameera, sirni gaggeessaa akkasi akkasii jedha'' jedhan.Achumatti oduu kijibaa kanaaf karaa miidiyaa hawaasaa deebii kennuu dubbatan.
''Amma fayyaa guutuun qaba. Fayyaan koo eegamaa. Waaniin dur hojjedhu hunda nan hojjedha. Jijjiiramni fayyaa koorratti dhufe hin jiru.
''Yuumiyyuu caala fayyaan natti dhagaahamaa jira'' jedhuun BBC'tti himaniiru.
Waa'ee Obbo Baqqalaa Garbaa hangam beekna? Seenaa isaani gabaabsinee katabneerra
Baqqalaan Garbaa nama siyaasaa fi aktivistii oromoof Itoophiyaati.Bara 1961, zoonii Wallagga Lixaatti kan dhalatan yoo ta'u, mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Bojii Dirmaajiitti, mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Gimbiitti baratan.
Dhaabbata barnoota olaanoo immoo Addis Ababa (AAU) keessatti afaan alagaa fi ogbarruutiin digrii jalqabaa ("Bachelor of arts in foreign language and literature") fi digirii lammaffaa isaanii barsiisa Afaan Ingiliffaa akka afaan alagaatti ("Teaching of English as a foreign language")n AAU irra argatan.
Hojii jalqabaa isaanii Kolleejjii Barsiisota Adaamaa keessatti Afaan Ingiliffaa fi Afaan Oromoo barsiisuun kan jalqaban yoo ta'u bara 2005, "Sochii barattoota bara 2004 deeggarte" jechuun hojiirraa ari'aman. Haa ta'u malee, gara Finfinnee dhufuun yunivarsiitiiwwan dhuunfaa keessatti barsiisuu itti fufa. Akkasumas, bara 2007tti AAUn barsiisaa Afaan Ingiliffaa ta'uun tajaajila itti fufan.Bara 2009tti Sochii Dimokraatawa Federaalistii Oromoo (OFDM) tti makamuun miseensa koree hojii raawwachiiftuu ta'uun itti gaafatamaa garee hariiroo hawaasaa OFDM ta'aniiru. Haa ta'u malee, filannoo waliigalaa Itoophiyaa bara 2010 irratti dorgomuun osoo hin milka'ina turan.
Jireenya mana Hidhaa
Jalqaba, hagayya 27 bara 2011 obbo Baqqalaa fi Olbaanaa Leellisa (kan Kongireesii Ummata Oromoo (OPC) ta'an) miseensa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ta'uun shakkamanii to'annoo jala oolaniiru.Obbo Baqqalaatti hidhaa waggaa saddeeti itti murtaa'e. Garuu murtiin isaa ol’iyyannoodhaan gara waggaa sadii fi ji’a torbaatti hir’ifame. Bara 2012, osoo mana hidhaa jiruu, itti Aanaa Dura Taa'aa Kongirasii Federaalistii Oromoo (OFC) walitti makamuu OFDM fi OPC irraa ijaarame ta'e.
Ebla bara 2015 hidhaadha gadhiifamus, muddee 23 bara 2015 namoota 21 kanneen irra caalaan isaanii miseensota OFC olaanoo ta'an waliin to'annoo jala oolan. Yeroo kanas hidhamtoota OFC waliin ta'uun haala mana hidhaa sanaa mormuuf nyaata lagataa turan.
Hidhamtoota siyaasaa garagaraa 6000 ol ta'an jalqaba bara 2018 gadi lakkifaman booda fulbaana 13 bara 2018 gadhiifaman
Haa ta'u malee, Jeequmsa du'a gameessa keenya Artiisti Hacaaluu Hundeessaa hordofuun, Jawaar Mohammed fi namoota 33 waliin ta'uun waxabajjii 2020 to'annoo jala oolan.
Hidhamtoota siyaasaa garagaraa 6000 ol ta'an jalqaba bara 2018 gadi lakkifaman booda fulbaana 13 bara 2018 gadhiifaman
Haa ta'u malee, Jeequmsa du'a gameessa keenya Artiisti Hacaaluu Hundeessaa hordofuun, Jawaar Mohammed fi namoota 33 waliin ta'uun waxabajjii 2020 to'annoo jala oolan.
Guraandhala 27 bara 2021 Baqqalaa, Jawaar fi hidhamtoonni siyaasaa biroo osoo mana hidhaa jiranii nyaata lagachuu jalqaban. Fulbaana 16 bara 2021 Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Itiyoophiyaa namoonni nyaata lagatan Hospitaala Waliigalaa 'Landmark' keessatti akka yaalamanii ajaja dabarseera. Hidhamtoonni kun kanaa manna ajaja "qondaala olaanaa hin ibsamneen" gara Hospitaala waraanaa Torhayloch geeffamaniiru. Hospitaala Torhayloch keessatti obbo Baqqalaan ''lubbuu isaa sodaachuun'' yaalamuu diduun gara mana hidhaatti deebi'e.
Fulbaana 17 haalli fayyaa obbo Baqqalaa hammaataa dhufe, ta'us Manni Murtii Olaanaa Federaalaa ajaja obbo Baqqalaa gara Hospitaala Landmark akka geeffamu kenne mirkaneesse. Rakkoofi gidiraa hedduu booda Guraandhala 7 bara 2022tti gadhiifaman.




Social Plugin